Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Noophaa keessatti waraanni Bilxiginnaa hawaasa nagaa ukkaamsanii bakka buutee dhabamsiisuu, qe’ee fi qabeenyaa irraa buqqisuu itti fufan 

ONM-ABO Hagayya 2, 2025 

Iluu Abbaa Booraa aanaa Nophaa ganda Jaatoo jedhamu keessatti waraanni koloneel Abiy Ahimed Adoolessa 29, 2025 maqaa WBO’f nyaata laatte jedhuun nama maqaan isaa Obbo Moohisaa Sambatoo jedhamu reebicha ulfaataa erga irratti raawwatanii booda konkolaataa Ambulaansii yaabsisanii fuudhanii deemuun hanga guyyaa gabaasni kun qindaa’eetti bakka isaan buusan kan hin beekamne ta’uu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Kanumaan wal qabatee mucaan isaa shamarree Yoobdaaree Moohisaa jedhamtu gocha gara jabinaa abbaa ishee irratti raawwate kana rifattee qe’ee maatii ishee gadi lakkistee hoggaa gara firoottan isheetti baqattu jaleewwan sirnichaa hordofanii qabuun ishees bakka buutee dhabamsiisanii jiraachuun barameera.

Kana malees haadha warraa Obbo Moohisaa Aadde Galaanee Tarfaasaa kan jedhamtus “gocha kana keessaa harka qabda” jechuun qe’ee fi qabeenya ishee irraa ari’uun yeroo ammaa bakki isheen itti baqattee jirtuu fi haalli isheen keessa jirtu kan hin beekamne ta’uu jiraattotni itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Impaayera Itiyoophiyaa keessatti Oromoo ta’uu qofti yakka ta’uun ilmaan Oromoo biyya abbaa isaanii irratti bara dhufaa darbaan akka bineensa bosonaatti adamfamuun yakkoonni farra namoomaa garaa garaa irratti raawwatamaa kan jiru yoo ta’u, Adoolessa 16, 2025 waraanni faashistii aanuma Noophaa kana keessatti daa’ima waggaa 1 fi baatii 8 rasaasaan rukutanii ajjeesuun ni yaadatama.

Exit mobile version