ONM-ABO Adoolessa 9, 2024
Dinagdeen impaayerattii wayita kuftee jirtutti murni bilxiginnaa dandamatee dhaabbachuuf falli ani qabu saamicha qofa jechuun tarsiimoo saamichaa baafatee kaabinootaa fi waraana isaaf amanamoo ta’an filee humna hawaasaa olitti saamicha raawwachiisaa jira.
Adooolessa 8, 2024 godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Aallee magaalaa Goree keessatti ergamtoonni sirnichaa uummata irraa gatiin Jimaa 1kg qarshii Kudhan kan ture yeruma tokkotti qarshii Digdamii Shan (25) galchuun dirqiin irraa funaanaa turuu jiraataan bakkichaa tokko ONM’tti hime.
Uummanni Jimaa isaanii fuudhanii gabaa geessan kunneenis haala kanaan gurgurachuun isaanii waan isaan miidhuuf isinumaaf hojjenna, jechuun miira aariin sagalee isaanii dhageessifachaa turuus dabaluun ibsaniiru.
Akka jiraataan kun jedhetti miiruma aariitu hawaasa akkas godhe malee biyya diimokiraasiin hin jirree fi ifaan ifatti uummanni akka saamamuuf ol irraa ajajni kennameef eenyutti iyyatu? Imimmaan haadha hiyyeessaa qoorsuuf falli tokkichi sirnicha irratti qabsoo geggeessuun hundeen buqqisuu qofa jechuun yaada isaa ibsate.

