Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraanni bilxiginnaa godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Aallee keessatti miseensota waraana bilxiginnaa hojii waraanaa dhiisanii ba’an qabanii hidhaa jiraachuun barame

ONM – ABO – Amajjii 18, 2023 Ilmaan Oromoo gocha saba isaanii irratti raawwatamaa jiru jibbuunii fi kafaltii xiqqaa sirnichi kafaluufiin jiraachuu dadhabanii qe’ee isaaniitti galan mana irra deemuun qabanii mana hidhaatti guuraa jiru.
 
Torbee darbee qabuun godina Iluu Abbaa Booraa ona Aallee keessatti ilmaan Oromoo dararaa gama hundaa sirnichi isaan irra ga’aa turee fi aarsaa gatii hin qabne kafalaa jiraachuu isaanii hubachuun maatii isaaniitti galan mana irra deemuun qabanii buufata poolisii aanichaa magaalaa Goree jiru keessatti hidhan.
 
Magaalicha keessatti hidhaan ilmaan Oromoo sirnicha tajaajiluu dhiisanii ba’an kan xiyyeeffate yoo ta’u namoota sabaan Amaaraa ta’an garuu qabanii hin hiine.
 
Akka maddeen magaalaa Goree jedhanitti ilmaan Oromoo jiruu fi jireenya isaanii idileetti deebi’anii dalagachaa jiran isin hidhata waraana bilisummaa Oromoo waan qabdaniif nu tajaajiluu dhiistanii baatanii fi WBO aanicha keessa galchuuf hojjachaa jirtu jechuun gocha isaanii malee akka rakkisaa jiran kan himan maddeen, sirna mataa irraa diigamaa jiru humnaan waraanummaan na tajaajilaa jechuun kufaatii irraa isa hin baraaru jechuun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version