• Thu. Mar 12th, 2026

Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Dambii keessatti lukkeeleen Bilxiginnaa maqaa kaffaltii gibiraa dawoo godhachuun jiraattota saamuu fi gara leenjii waraanaattis guuruu akkaan cimsanii itti fufan

Feb 10, 2025

ONM-ABO Gurraandhala 10, 2025 

Aanaa Dambii gandoota addaa addaa keessatti ergamtoonni dinagdee impaayerattii deebisanii utubuuf dhama’an kaffaltii gosa garaa garaa nagahee hin qabneen jiraattota irratti humnaa ol saamicha raawwachuu hammeessuun, yeroo ammaa kanas ganda Burqaa Jaalalaa jedhamu keessatti maqaa kaffaltii gibiraa jedhuun nama tokko irraa qarshii 3,000 hanga 5,000’tti afaan qawwee itti qabanii sodaachisuun saamaa jiraachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Armaan duras gandicha keessatti gosoota kaffaltii kanneen akka: 

  • Buusaa Gonofaa, 
  • Inshuraansii Fayyaa, 
  • Ispoortii, 
  • Fannoo Diimaa fi 

kkf wabeefachuun saamicha hamaa geggeessaa kan turan yoo ta’u, sababuma kanaanis yeroo ammaa hawaasni hedduun dinagdeen isaa harkatti quucaree waan kaffalu dhabuu irraan kan ka’e ergamtoota sirnichaan dararaan itti hammaatee,  mana irraa baqachuun bakkee qorra keessa bulaa kan jiru ta’uunis dabalataan eeramee jira.

Kana malees, gandicha keessaa jiraattonni hedduun jumlaan ukkaamfamuun gara leenjii waraanaatti guuramaa kan jiran yoo ta’u, Gurraandhala 5, 2025 namoota maqaan isaanii:

  1. Qaadoo Amad,
  2. Umar Abdooshii fi 

kanneen biroo hedduunis dirqamaan qabamanii kan jiran ta’uu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading