ONM-ABO Fulbaana 20, 2024
Bara dhufaa darbaa duula waraanaa bulchitoota impaayerattiin dararaa hamaa dhala namaaf hin malle keessummeessaa kan oolu sabni Oromoo bara bulchiinsa Bilxiginnaa keessa immoo kan mootummoota abbaa irree darbanii caalaa waraana faashistii PP’n hiraafamaa jira.
Loltoonni PP godinaalee Oromiyaa cufarraa maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhuun hawaasa hidhuu, saamuu, ajjeesuu fi manneen gubuu itti fufaniiru.
Haaluma kanaan godina Lixa Wallaggaa aanaa Baabboo Gambeelitti jiraattota hidhaatti guuran.
Fulbaana 18, 2024 namoota maqaan isaanii:
- Wadaajoo Fufaa,
- Malaakuu Haayiluu,
- Sulxaan Jaal’ataa,
- Daawwit Bulaa fi kanneen biroo hedduun hidhamanii jiraachuu jiraattonni magaalaa Baabboo eeranii jiru.
Namoonni kunneenis balleessaa tokko malee ija shakkiin ilaalamuun siyaasa keenyatti buutan maqaa jedhuun akka hidhamanis dabaluun ibsaniiru.

