Godina Lixa wallaggaa aanaa Baabboo Gambeel fi Begii keessatti waraana mootummaa Itoophiyaatiin uummatni nagaan ajjeefaman
ONM – ABO – Muddee 26, 2022 Gareen maafiyaa PP barcuma siyaasaa malee lubbuu lammiileetiif bakka hin laanne waggoota afran darban irraa eegaluun bifa addaa ta’een yakka sanyii duguuggaa Oromiyaa golee mara keessatti uummata oromoo irratti raawwachaa kan turan yoo ta’u, ammallee gocha gara jabinaa ilmoon namaa ni raawwata jechuun namatti ulfaatu hojjechuu hammeessanii jiru.
Oromiyaa keessatti daa’immanii hanga maanguddootaatti lubbuu qulqulluu akka baalaatti harcaasaa, Oromiyaa galaana dhiigaatiin uwwisaa kan jiran yoo ta’u, akeekni cubbuu sirna kanaan Oromiyaarratti raawwatamaa jirus mul’ata impaayera Itoophiyaa ijaaruuf qaban milkeeffachuuf qabanirraa kan dhalatee fi qabsoo uummatni Oromoo impaayerattii diigee biyya isaa ijaarrachuuf taasisaa jiruun waan muddamaniif, uummaticha lafarraa duguuganii qabsicha dadhabsiisuu filmaata duraa taasifataniiti.
Oduu ajjeechaa Oromiyaa keessatti taasifamaa jiru kanaan wal qabatee godina lixa Wallaggaa aanaa Baabboo Gambeel ganda Muraa Lakkuu jedhamtu keessatti waraana mootummaan faashistii Itoophiyaa uummata nagaa akka duguuganiif bobbaaseen namootni nagaan jumlaan kan ajjeefaman yoo ta’u, ajjeechaan kun daa’ima ganna sagalii (9) irraa qabee hanga maanguddootti kan raawwatame ta’uun himameera.
Ilmaan Oromoo sirna cubbamaa kanaan yakki ajjeechaa irratti raawwatamuun lubbuu isaanii dhaban; Kooluu Badhaasaa, Haacaaluu Badhaasaa daa’ima ganna 9 kan obbo Badhaasaa Waaqjiraa, Magarsaa Hirphoo fi Abdii Hirkoo kan jedhaman yoo ta’u namootni lama ammoo ajjeefamanii daandii gubbaatti gatamuun eenyummaan isaanii adda ba’ee akka maatii fi hawwaasni fuudhee hin awwaallanneef waraana mootumichaatiin reeffi eegamaa waan tureef maqaan isaanii adda hin baane.
Ilmi Oromoo Addisuu Asfawuu jedhamu ammoo miila lamaan rukutamuun miliqus hanga gabaasni kun qindaa’etti haalli inni itti jiru baay’ee sodaachisaa ta’uun du’aa fi jireenya gidduu akka jirutu himama.
Gochi kun Muddee 23,2022 kan raawwatame hoggaa ta’u, namoota rasaasaan rukutaman malee reebichi jabaan irratti raawwatamuun jiraattonni gariin miidhama ulfaataaf saaxilamaniiru.
Aanicha keessatti sochiin mootummaan Oppireeshinii WBO jechuun raawwachuutti jiru, qaama waraanaa hidhatee jiru irratti osoo hin taane uummata harka duwwaa irratti fuulleffachuun, uummata aanichaa hiraarfama guddaa keessa kan galche ta’uu jiraataan aanichaa Arraata Biyyoolessaa Oromiyaatti himeera.
Oduma wal fakkaatuun godinuma Lixa Wallaggaa ona Begii keessattis waraanni murna bilxiginnaa dheengadda Muddee 24,2022 namootaa nagaa 7 kan ajjeessan yoo ta’u namoota ajjeefaman kana keessatti barsiisaan dhaloota qaru Ismaa’el Huseen jedhamu keessatti argama.

