ONM-ABO Muddee 15, 2024
Uummanni Oromoo impaayera Itiyoophiyaa keessatti nagaan jiraachuuf wabii jireenyaa dhabee gorraa’amanii qalamuu, hidhamuun maallaqa guddaa gaafatamuu fi qabeenya saamamuun qaama itti himatu dhabee abdii murannoo isaa dhumaa keessa galee jira.
Muddee 14, 2024 godina Lixa Wallaggaa aanaa Begii ganda Lophiitti nama nagaa tuttuqaa siyaasaa kamirraa walaba ta’e, nama maqaan isaa Siraaj Warqinaa jedhamu yakka tokko malee waraanni faashistii PP rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuun kan himame oggaa ta’u, ganduma Lophii keessaa guyyuma sana nama maqaan isaa Bashir Lammaa jedhamu ammoo mana isaa ibidda itti shiduun jalaa gubanii barbadeessuu jiraattonni ONM’tti himaniiru.
Oduudhuma wal fakkaatuun ammoo ona Baabboo Gambeel ganda Malkaa Eebichaa bakka addaa Qawoo jedhamutti guyyuma kana waraanni gabroomfataan PP uummata nagaa irratti dhukaasa banuun uummatni sagalee dhukaasaa rifachuun bakka dalagaatii yeroo baqatan rasaasa gara uummataatti gadi qabuun nama maqaan isaa Abduu Haayiluu jedhamu akka bineensaatti rasaasaan waadanii ajjeesuun ifoomeera.

