Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Begii keessatti waraanni maafiyaa PP jiraattota gara leenjii waraanaatti guuruu fi saamuu cimsee itti fufe

ONM-ABO Muddee 12, 2024 

Goleewwan Oromiyaa cufa keessaa ergamtoonni Bilxiginnaa hawaasa nagaa gara leenjii waraanaatti guuruu fi saamuu akkuma itti fufanitti jiraachuun ibsameera.

Muddee 9, 2024 waraanni sirnichaa aanaa Begii ganda Qacoo Waabaraa keessaa namoota maqaan isaanii:

  1. Jaabir Halkanoo,
  2. Nuuraddiin Abdulqaadir fi kanneen maqaan isaanii adda hin baane namoota 20 ol qabuun dirqamaan gara mooraa leenjii waraana impaayerattiitti geessanii jiraachuu jiraattonni gandichaa ONM dubbise himaniiru.

Aanichuma ganda Gabaa Kamisaa jedhamu keessaa ammoo guyyuma kana Usmaan Dangalaa nama jedhamu jalaa dukkaana  isaa cabsanii saamuun isallee achi buutee dhabamsiisanii jiraachuu maddeen himan.

Kana malees ganda Gunfii jedhamu keessaa ammoo nama maqaan isaa Bushuraa Roorroo jedhamu jalaas loon 30 saamuu maddeen itti dabaluun ONM’f eeraniiru.

Namoonni kunneen badii tokkollee kan hin qabnee fi maqaa “hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhuun dararamaa kan jiran ta’uun ibsameera.

Exit mobile version