Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Shaggar Aanaa Dugdaa keessatti jaleewwan Bilxiginnaa jiraattota leenjii waraanaatti guuruu, reebuu fi saamuu cimsanii itti fufan

ONM-ABO Muddee 20, 2024 

Dhumni bara aangoo isaa kan mootummaa Dargiin kan walfakkaatu Bilxiginnaan, tibba kana loltoonni isaa akkuma guutuu Oromiyaatti hawaasa nagaa leenjii waraanaatti guuruu, reebuu, saamuu fi dararaa garaa garaa raawwachaa jiru.

Aanaa Dugdaa ganda Guusaa Dongorootaa jedhamu keessaa Muddee 17, 2024 namoota maqaan isaanii:

  1. Obbo Yaamii Miidhagsoo,
  2. Obbo Dambal Bobbaa,
  3. Obbo Battee Miidhagsoo,
  4. Obbo Daadhii Guutamaa,
  5. Obbo Dagaagaa Jiloo maanguddoo ganna 80 olii kan ta’anii fi kanneen biroo hedduu ta’an loltoonni sirnichaa maqaa “gaachana sirnaa leenjitu” jedhuun badii tokko malee reebicha hamaa irraan gahuun gara leenjii waraanaatti geessanii jiraachuu maddeen ONM’tti himan.

Jiraattota leenjii waraanaaf ukkaamsuun jabaatee ittuma fufuun, aanichuma ganda Birbirsa Guddaa Saabolee keessaas guyyaadhuma kana namoota maqaan isaanii:

  1. Obbo Lammii Abarraa,
  2. Obbo Roobaa Goobanaa,
  3. Obbo Wayyatoo Araarsoo fi kanneen biroo hedduu ta’anis leenjii waraanaaf ukkaamfamanii jiraachuu maddeen himan.

Namoonni leenjii waraanaaf ukkaamfamaa jiran kunneen hundi isaanii maanguddoota diina jalaa dheessanii ba’uu hin dandeenye ta’uun himamee jira.

Kana malees aanicha keessatti sababa tokko malee oomisha dabalatee jiraattota saamaa kan jiranii fi dhiittaa fi sarbamiinsi mirgoota namoomaas daran hammaachuun, hawaasni ba’ee galuuf iyyuu yaaddoo hamaa keessa kan jiru ta’uu itti dabaluun ibsaniiru.

Exit mobile version