Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Begii keessaa ergamtoonni Bilxiginnaa jiraattota ukkaamsuun gara leenjii waraanaatti guuruu jabeessanii itti fufan

ONM-ABO Muddee 9, 2024 

Impaayera Itiyoophiyaa jiguuf raafama irra jirtu suphuuf ergamtoonni Bilxiginnaa yeroo adda addaatti fedhii tokko malee dirqamaan ilmaan hiyyeessaa ukkaamsanii gara adda waraanaatti geessuun irbaata rasaasaa taasisuu itti fufanii jiru.

Muddee 5, 2024 waraanni faashistii sirnichaa aanaa Begii ganda Oofaa Koobbaree jedhamu keessaa namoota maqaan isaanii:

  1. Takiluu Kaasee,
  2. Nasirallaa Ittaanaa,
  3. Burruusee Abdiisaa,
  4. Abdullaayi Carraquu,
  5. Faqqadaa Bookaa fi 
  6. Taarikuu Ejjetaa jedhaman maqaa leenjii waraanaa jedhuun ukkaamsanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Haaluma walfakkaatuun guyyaadhuma kana  Muddee 5, 2024 ganda Billee Biqiltuu jedhamu keessaa namoota maqaan isaanii:

  1. Mohaammad Idiriis,
  2. Jaafar Bashir,
  3. Mirallaa Muusaa,
  4. Tamaam Bashir,
  5. Baacaa Asaffaa,
  6. Raamatallaa Shaanqoo,
  7. Raamatallaa Abbabee,
  8. Tabirii Bashir,
  9. Miizanaa Bookaa,
  10. Abiraahim Shaambaa,
  11. Amuumee Ittaanaa fi
  12. Saadiq Ahimad jedhaman reebicha hamaa erga irraan ga’anii booda waajjira poolisii aanaa Begiitti walitti qabuun gara mooraa leenjii waraanaatti erguuf qophii irra jiraachuu maddeen itti dabaluun eeraniiru.
Exit mobile version