ONM-ABO Adoolessa 23, 2025
Dheengadda Adoolessa 21, 2025 Aanaa Baatee ganda Faca’aatti milishoonni Abiy Ahimed maqaa sakkattaa WBO’n gandichatti bobbaafaman haadha maatii hedduu kan taate Aadde Faaxumaa Ahimed Awwal kan jedhamtu maqaa ati deggaraa WBO’ti jedhuun qarshii 30,000 fi warqee jalaa yoo saaman, gandichumatti nama maqaan isaa Obbo Sayid Ahimed Muhiyyee jedhamu maqaa WBO’tu keessa bule jedhuun ulaa mana isaa caccabsanii isa ammoo itti marsanii reebuun qe’ee irraa ari’aniiru.
Oduu saamichaatiin ammoo godinichuma aanaa Dawwee Harawaa ganda Kataaroo irraa gareen saamtotaa Bilxiginnaa mana maatii qabsaa’otaa Obbo Umar Daalee Adoolessa 18, 2025 seenuun qarshii 20,000, warqee shamarranii, bilbila harkaa isaanii jalaa saamanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Gara jabeeyyiin Bilxiginnaa saba irraa dhalatan ajjeesuu fi dararuu malee guyyaa tokkoof illee gaarummaa yaadanii kan hin beekne, ajaja dabaa qaama isaanii olii irraa itti kenname milkeessuuf jecha waan hawaasni quba hin qabnee fi keessa hin jirreen yakkanii afaan qawween sodaachisuun sabbata haadha hiyyeessaa hiikkachuun harka duwwaatti hambisaa jiru.

