Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Shaggar aanaa Fantaallee keessatti loltoota sirnichaan saamichi qabeenyaa hawaasaa irratti raawwatame

ONM-ABO Fulbaana 10, 2024

Qawwee fi humna waraanaa of harkaa qabanitti dhimma bahuun loltoonni teessoo sirnichaa akka eeganiif bobbaafaman akkuma qabeenya uummataa maqaa qabeenya diinaa jedhuun saamuu sagantaa  baafatanii dirqama fudhatanii bobba’anitti qe’ee hawaasa nagaa honsaa jiru.

Baha Shaggar aanaa Fantaallee ganda Gidaaraa jedhamu keessatti maqaa WBO waliin hidhata qabdu jedhuun qabeenya namoota hedduu kanneen akka dukkaanaa saamamuu jiraattonni himan.

Fulbaana 8, 2024 gareen duula saamichaaf wal ijaaree maqaa sakkattaa jedhuun bobbaafaman kunneen  nama siyaasa keessa hin jirree fi hojii isaa qofa irratti xiyyeeffatee hojjechaa jiru kan maqaan isaa Fantoo Boruu jedhamu waan inni hin qabneen yakkuun meeshaa isaa mana guutuu erga saamanii booda mana isaas caccabsanii deemuu jiraattonni himu.

Namoota hedduu maqaan isaanii nu hin geenyes saamichi fi reebichi hamaan irratti raawwatamuu jiraattonni himu.

Ganda Gidaaraa kana keessatti kanaan duras dukkaana daldalaa tokko kan nama maqaan isaa Abdallaa Adam Abdullaa jedhamuu yeroo lamaa ol jalaa saamanii jiraachuus jiraattonni kunneen dabaluun ibsaniiru. 

Exit mobile version