Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Begii keessatti waraanni goolessaan impaayerattii nama lama bakka tokkotti ajjeesuun barame

ONM-ABO Fulbaana 26, 2024

Humni waraana goolessaan impayerattii Oromiyaa dirree dhiigaa fi irratti lola geggeessan taasisuun, dachee badhaatuunii fi taadhiin qe’ee itti ilmaan ishee itti hiraarfaman ta’uun dararaa ulfaataan irratti raawwachaa jira.

Haaluma kanaan godina Lixa Wallaggaa aanaa Begii ganda Shaggaa Dinqaatti namoota nagaa maqaan isaanii Abdurhamaan Haruun fi Raamadaan Huseen jedhaman Fulbaana 25, 2024 qabanii badii tokko malee rasaasa itti roobsuun bakka tokkotti ajjeesanii  gatuu maddeen keenya ONM’tti himan.

Dargaggoonni kunneen namoota nagaa ilaalcha siyaasaa paartii kamiiyyuu kan hin qabnee fi loltoonni sirnichaa ija shakkiin ilaaluun salphumatti lubbuu isaanii balleessuu dubbatu.

Ajjeechaan godinaalee Oromiyaa keessatti raawwachaa jiru daangaa darbuun keessattuu kan aanaa Begii torbanoota darban keessa namoota shan bakka tokkotti ajjeesuu dabalatee ilmaan Oromoo hedduun loltoota sirnichaan ajjeefamaa jiraachuun ni yaadatama.

Exit mobile version