ONM-ABO Hagayyaa 13, 2024
Uummanni Oromoo imphaayera Itiyoophiyaa keessatti hojii inni hojjatatee jiraatu horsiisa loonii, qonnaa, daldala, hojii harkaa adda addaa fi kanneen biroo hojjechuun maatii isaa kan jiraachifatu ta’uun kan beekamu yoo ta’u, bara bulchiinsa sirna mootii irraa kaasee hanga abbaa irree PP ammaatti haala rakkisaa keessa jiru.
Akkuma kanaanis jiraattonni godina Lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu Kaarraa rakkoo ulfaataa keessa jiraachuu isaanii gabaasaa akkuma turre, waraanni sirnichaa maqaa sakattaa WBO’n bobba’an hawaasa nagaa mana irratti diiguu, saamuu, hidhuu fi ajjeesuu jabeessuun Hagayya 11, 2024 aanaa Qilxuu Kaarraa ganda Baafannoo Qoorracheetti mana qotee bulaa tokkoo diiguun akka deeman beekameera.
Qotee bulaan manni jalaa diigamuun saamichi irratti raawwate kun maqaan isaa obbo Tasfaayee Waaqjiraa kan jedhamu badii tokko malee mana isaa irratti diiganii maallaqa callaas jalaa saamuun maatiin isaa bakkee irratti faca’uun rakkoof saaxilamanii jiraachuu ONM odeeffateera.

