ONM-ABO Onkoloolessa 28, 2024
Sirni uummata Oromoo lafa irraa duguugee bare gochoota suukkanneessoo garaa garaa golee Oromiyaa mara keessatti saba Oromoo irratti raawwachaa kan jiru yoo ta’u, waraanni Bilxiginnaa lolaan dura dhaabbachuu dadhabee maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo ija idil-addunyaa duratti hadheessuu fi uummata Oromoo biratti jibbamaa taasisuuf jecha rifeensa nam-tolche (Wiigii) dha’achuun saamicha, ajjeechaa, hidhaa fi dararaa garaa garaa hawaasa nagaa irratti raawwachaa jiraachuun ifoomee jira.
Aanaa Begii ganda Qacoo Waabaraa jedhamu keessatti waraanni sirna dhableessi impaayerattii gooticha WBO of fakkeessuun Onkoloolessa 23, 2024 namoota maqaan isaanii:
- Obbo Saadiq Luulessaa,
- Zaakir Umar,
- Alii Abdallaa fi
- Tamaam Baacaa kanneen jedhaman badii tokko malee mana jireenyaa isaaniitii ukkaamsuun achi buutee dhabamsiisanii jiraachuu namoonni itti dhiheenyaan beekan ONM’tti himan.
Haaluma wal fakkaatuun, fakkaattonni WBO waraanni PP kun guyyuma kana aanaadhuma Begii ganda Shaashii Dambii Guddaa jedhamu keessaa dargaggoo maqaan isaa Jamaal Abdallaa jedhamu osoo inni loon maatii isaa tiksaa jiruu badii tokko malee bakkeedhaa qabuun mana hidhaatti yoo darbatan, loowwan inni eegaa tures saamanii deeman, dabalataan nama maqaan isaa obbo Sayid Amadoo jedhamu jalaa ammoo loowwan sadii saamuun qalatanii nyaachuu isaanii jiraataan gandichaa tokko ONM’f eeruu kennee jira.

