Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo keessatti maatiin qabsaa’otaa dararamuun itti fufe

Godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo keessatti maatiin qabsaa’otaa dararamuun itti fufe.

ONM – ABO – Muddee 17, 2022 Murni faashistii PP maqaa ijoollee keessanii fi firoottan keessantu miseensa Waraana Bilisummaa Oromooti jedhuun namoota nagaa hidhata siyaasaa kam keessaayuu hin qabne hidhaaf saaxiluu tooftaa godhatanii jiru.

Haaluma kanaan dheengadda Muddee 15,2022 godina Qellem Wallaggaa ona Anfillloo magaalaa Muggii keessatti murni faashistii PP maatii qabsaa’otaa badii tokko malee hidhee jira.

Maatiin qabsaa’otaa magaalaa Muggii keessaa qabamanii hidhaman obboleettii Jaal Caalaa Ashaagiree haadha maatii aadde Attaalluu Ashaagiree, abbaa Jaal Didaa Laggasee obbo Laggasee Tarreessaa, Taarikuu Dhinsaa, Abrahaam Tarikuu fi namoota hedduu qabanii mooraa waraana bilxiginnaatti dararaa jiru.

Murni bilxiginnaa dargaggoota Oromoo ofitti murteessanii sirnicha falmuuf ba’an kan maatiin itti gaafatama seeraa hin qabneef maaliif ba’anii WBO ta’anii fi qabdanii galchuu diddaniin jedhuun kanneen hidhaman malee kanneen qabeenyi maatii barbadaa’ee fi lubbuun darban hedduu dha.

Murni bilxiginnaa kun achuma magaalaa Muggii ganda 01 keessatti maatii Waxaabajjii bara 2020 keessa abbaa fi haadha jaal Caalaa Ashaagiree ajjeesuun ni yaadatama.

Exit mobile version