Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Lataa Sibuutti maatiin qabsaa’otaa waraana faashistii PP’n dararamuun cimee itti fufe

ONM-ABO Bitootessa 16, 2025 

Lixa Wallaggaa aanaa Lataa Sibuu ganda Buukee Goorii keessatti waraanni faashistii PP maatii qabsaa’otaa sababa ilmaan isaaniif hawaasa keessa hin jiraattan jechuun abbootii warraa saddet ilmaan isaanii waliin qe’ee isaanii irraa godaansisuu ONM odeeffateera.

Jiraattonni loltoota Bilxiginnaan kunneen kan ari’aman Bitootessa 13, 2025 yoo ta’u, hanga gabaasni kun qindaa’eetti haallii jireenya isaanii baay’ee yaaddessaa fi daa’imman xixiqqoon beelaa fi  dheebuun dararamaa akka jiranis beekameera.

Abbootiin warraa kunneenis maqaan isaanii:

  1. Obbo Tasfaa Gurmeessaa abbaa ijoollee 6,
  2. Obbo Abdataa Gammachuu abbaa ijoollee 7,
  3. Obbo Tarfaasaa Dabalaa abbaa ijoollee 6,
  4. Obbo Danda’aa Nagumaa abbaa ijoollee 8,
  5. Obbo Garbaabaa Fayisaa abbaa ijoollee 6, 
  6. Obbo Nagaraa Guutaa abbaa ijoollee 7,
  7. Obbo Dimbaaruu Tufaa abbaa ijoolle 5,
  8. Obbo Moosisaa Fayyisaa abbaa ijoollee 7,
  9. Obbo Qananii jireenya abbaa ijoollee 5 fi 
  10. Obbo Dilboo Gurmeessaa abbaa ijoollee 7 yoo ta’an, 

namoonni kunneen badii isaanii malee qe’ee isaanii irraa ittifamuun bakkee onaa keessatti rakkoolee adda addaaf saaxilamanii kanneen jiran ta’uun ibsameera.

Exit mobile version