ONM-ABO Ebla 9, 2024
Murni faashistii PP siyaasa kiyya fudhachuu diddan, na deggeruu dhiistanii fi maatii qabsaa’otaati jechuun lammiilee nagaa hidhuu, saamuu fi ajjeesuu jabeessuun namoota baay’eef Oromiyaa dachee ibiddaa taasisee jira.
Akka kanaanis Ebla 8, 2024 hidhattootni sirnichaa godina Lixa Wallaggaa aanaa Begii ganda Horoo Dongoroo iddoo addaa Malloo jedhamutti bobba’an, ganama bariin mana qabsa’aa Jaal Bantii Magarsaa deemuun osoo maatiin hirriba irraa hin ka’in, haadha warraa isaanii aadde Dagattee Ayyaanaa, Dabalaa Sambatoo fi Yooseef Waaggaarii jedhaman yoo qaban achuma ganda Horoo Dongooroo keessaa obbo Komboshii Iddoosaas itti dabaluun gara aanaa Gidaamii bulchiinsa magaalaa Qellemitti geessanii hidhanii jiraachuun barameera.
Akka maddeen jedhanitti aadde Dagattee Ayyaanaatiin iddoo abbaan warraa kee fi ijoolleen kee sadan jiran himi jechuun itti roorrisaa turuu fi ijoolleen isaanii gandichatti hafan bakkeetti rakkachuu gabaasan.
Itti dabaluun, torbee darbe Ebla 5, 2024 obboloota aadde Dagattee obbo Dhinaa Ayyaanaa, Waakjiraa Ayyaanaa fi Dinqaa Sardaa hidhuun guyyoota sadiif dararaa turanii guyyaa kaleessaa Ebla 8, 2024 gadhiisaniiru.
Kanaan duras waraanni murna faashistii PP aadde Dagatteen abbaa warraa keef ijoollee kee WBO keessaa galchi jechuun hidhaa turuu fi mana isaanii gubanii barbadeessuun qabeenyaa isaanii saamuun ni beekama.

