ONM-ABO Onkoloolessa 14, 2023
Bilxiginnaan bulchiinsa uummataa ijaaruu irra afaan qawween dhiitee bulchuu akka bulchiinsa sirriitti ilaaluun, rakkoolee daran babaldhisuun diigumsa uumaniin ajandaa torbanii fi baatilee godhatanii bulchiinsa aangoo dheereffachuuf guyyuu dalagaa jiru.
Bifuma kanaanis Kamisa darbe Onkoloolessa 12, 2023 godina lixa Wallaggaa aanaa Begii ganda Horoo Dongooroo bakka addaa Malloo jedhamutti waraanni murna tokkoof yeroo hundaa dhama’u bilxiginnaan, sochii taasisuun dargaggoota lama kan maqaan isaanii Yohaannis Iddoosaa fi Isiyaaq Margaa jedhaman mana maatii isaanii deemuun qe’eedhaa badii tokko malee fuudhanii deemuu maddeen himan.
Dargaggoon lamaan qabaman kunneen yeroo ammaa mana hidhaa godina Qellem Wallaggaa aanaa Gidaamii bulchiinsa magaalaa Qellem jedhamu keessatti akka argaman jiraattonni himun, akeekni waraanni maafi’aa PP kunneen qabaniifis obbolootni keessan miseensa WBOti kan heeruu kennuuf isin jechuun akka ta’es barameera.

