Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Begiitti hidhaa fi dararaan ergamtoota bilxiginnaan maatii qabsa’otaa irratti raawwatamu cimee itti fufe

ONM-ABO Fulbaana 12, 2024

Murni aangoo of harkaa qabu bilxiginnaan, yeroo gara aangootti dhufee kaasee sodaa guddaa teessuma siyaasaa koloneel Abiy Ahimediif qabaniif jecha, loltootaa sirnichaa golee Oromiyaa cufatti bobbaasuun hawaasa nagaa maqaa garaa garaa itti maxxansanii yakkuun dararuu itti fufan. 

Bifuma kanaan, godina Lixa Wallaggaa aanaa Begiitti hidhaa fi dararaan maqaa ilmaan keessantu miseensa WBO’ti jedhuun loltoota faashistii PP’n hawaasa nagaa irratti raawwatamu jabaatee jira.

Aanaa Begii bulchiinsa magaalaa Begii irraa guyyaa dheengaddaa Fulbaana 10, 2024 nama maqaan ishee “Aadde Suusii Dhaabasaa” jedhamtu waraanni koloneel Abiy Ahimed abbaa warraa keetu bosona jira jechuun daa’ima ishee lama waliin hidhanii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.

Aanichatti, tibba kana haala kanaan dura baratameen olitti maqaa ilmaan keessantu miseensa WBO’ti jedhuu fi WBO deggertu jedhuun hidhaa fi dararaan hawaasa nagaa irratti raawwatamu akkaan jabaatee jiraachuun ibsameera.

Exit mobile version