Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Begiitti qotee bulaan tokko waraana faashistii PP’n ajjeefame

ONM-ABO Fulbaana 28, 2024

Araada dhiiga nama nagaa dhangalaasuu kan qaban loltoonni koloneel Abiy Ahimed, Oromiyaa bakkeewwan adda addaatti hawaasa nagaa jiruuf jireenya isaa geggeeffachuuf tattaafatu sababoota garaa garaa itti maxxansuun badii tokko malee ajjeesuu itti fufanii jiru.

Bu’uuruma kanaan, godina Lixa Wallaggaa aanaa Begiitti qotee bulaan tokko waraana sirnichaan ajjeefamuun eerameera.

Ganda Haci’oo Hordaa jedhamu irraa Fulbaana 26, 2024 ganama sa’atii 1:30’tti qotee bulaa maqaan isaa Mulgeetaa Gocii jedhamu abbaa daa’ima lamaa kan ta’e, loltoonni Bilxiginnaa naasuu tokko malee rasaasa itti roobsuun haala suukkanneessaa ta’een ajjeesanii gatuu maddeen Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.

Akka maddeen himanitti, qonnaan bulaa kana Fulbaana 25, 2024 halkan keessaa sa’a 8:00’tti  mana jireenyaa isaatii qabuun gara mooraa waraanaa geessanii dararaa hamaa erga irraan ga’anii turaniin booda gadi baasuun ajjeesanii jiraachuu fi akkuma aanichaatti dabni ilmaan Oromoo irratti raawwatamu daran cimee itti fufee jiraachuu maddeen dabaluun himaniiru.

Exit mobile version