• Mon. Jan 12th, 2026

Godina lixa Wallaggaa aanaa Begii keessaa dargaggoon lama maqaa obboloota keessantu miseensa WBOti jedhuun waraana faashistii PP’n qabamuun hidhaman

Oct 14, 2023

ONM-ABO Onkoloolessa 14, 2023 

Bilxiginnaan bulchiinsa uummataa ijaaruu irra afaan qawween dhiitee bulchuu akka bulchiinsa sirriitti ilaaluun, rakkoolee daran babaldhisuun diigumsa uumaniin ajandaa torbanii fi baatilee godhatanii bulchiinsa aangoo dheereffachuuf guyyuu dalagaa jiru.

Bifuma kanaanis Kamisa darbe Onkoloolessa 12, 2023 godina lixa Wallaggaa aanaa Begii ganda Horoo Dongooroo bakka addaa Malloo jedhamutti waraanni murna tokkoof yeroo hundaa dhama’u bilxiginnaan, sochii taasisuun dargaggoota lama kan maqaan isaanii Yohaannis Iddoosaa fi Isiyaaq Margaa jedhaman mana maatii isaanii deemuun qe’eedhaa badii tokko malee fuudhanii deemuu maddeen himan.

Dargaggoon lamaan qabaman kunneen yeroo ammaa mana hidhaa godina Qellem Wallaggaa aanaa Gidaamii bulchiinsa magaalaa Qellem jedhamu keessatti akka argaman jiraattonni himun, akeekni waraanni maafi’aa PP kunneen qabaniifis obbolootni keessan miseensa WBOti kan heeruu kennuuf isin jechuun akka ta’es barameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading