ONM-ABO Onkoloolessa 11, 2024
Gara jabeeyyiin waraana garboomfataa PP hamminaa fi daba hawaasa nagaa irratti raawwachuun gootummaa kan itti fakkaatu hawaasa harka duwwaa hirmaannaa siyaasaa keessaa walaba ta’e saamuu, hidhuu fi ajjeesuu irratti xiyyeeffachuun torbanoota kana maqaa sakattaa WBO jedhuun godina Lixa Wallaggaa fi Qellem Wallaggaatti bifa haaraan miidhaa qaqqabsiisaa jiraachuun ifoomeera.
Onkoloolessa 10, 2024 waraanni faashistii PP godina Lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu kaarraa ganda Ulaa Gaantii iddoo addaa waldaa Qolaaxii jedhamutti dargaggoota lama kan maqaan isaanii: Yohaannis Hiikaa nama umuriin 26 fi Efreem Garbaabaa nama umuriin 25 bakka isaan ta’aa jiranitti ol itti seenuun rasaasa itti roobsuun kan madeessan ogguu ta’u, dargaggoon Yohaannis madoon fiigee ogguu ba’u dargaggoo Efreem ammoo osoo haati iyyaa waaliin deemtuu qabuun gara aanaatti fuudhanii akka deeman beekameera.
Efreem duratti milishaa sirnichaa ta’uun tajaajilaa turuun kan himamu, yeroo ammaa ammoo ani hawaasa harka duwwaa hin ajjeesu jechuun qe’eetti galee jiraachaa kan jiru waraanni garboomfataan PP maaliif nu waliin hiriirtee hawaasa irratti daba hojjechuu dhiistee galte jechuun rasaasa itti dhukaasuun madeessanii qabuu jiraattonni itti dabaluun himan.
Akka Jiraattonni jedhanitti yeroo qaban irraa kaasee yaala dhorkachuun dararaa jabaa irratti taasisaa jiraachuu dubbachuun, hanga gabaasni kun qindaa’etti hawaasni ona Qilxuu kaarraa bulchiinsa magaalaa Agamsa Bal’aa, Ulaa Gaantii fi kanneen biroon waraana garboomfataa PP’n dararaa ulfaataa keessummeessaa jiraachuu ONM’tti himaniiru.

