ONM-ABO Muddee 15, 2024
Murni galgalli bara aangoo isaa golgolaa’ee waan qabee gadi lakkisu dhabee wargamaa jiru Bilxiginnaan, jaleewwan isaa akkuma fedhe uummata Oromootti bobbaasuun sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkuun miidhaa hangana hin jedhamne irratti raawwachiisaa jira.
Aanaa Begii ganda Jagan jedhamu keessaa Muddee 12, 2024 loltoonni Bilxiginnaa namoota maqaan isaanii Laggasaa Mikaa’el, Badhaasaa Nagaasaa fi Jabiir Milkiyaas jedhaman maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhuun yakkanii qabuun mana hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Aanaadhuma kana ganda Abshaala Diinqaa jedhamuus guyyaadhuma kana Muddee 12, 2024 ergamtoonni faayidaa dhuunfaa isaanii qofaaf ifaajan jiraattota maqaan isaanii Abdurhamaan Abdullaayii fi Ramadaan Tarreessaa jedhamanis badii tokko malee qabuun mana hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu maddeen himan.
Ganda Horoo Dongoroo jedhamu keessaas guyyaadhuma kana “maatii qabsaa’otaati” jechuun namoota maqaan isaanii Dagguu Duulaa, Baacaa Duulaa fi Shifarraa Baalchaa jedhaman ukkaamsuun reebicha ulfaataa ta’e irraan gahuun waajjira poolisii aanichaatti hidhanii garmalee dararaa jiraachuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

