Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Jimmaa Raareetti loltoonni faashistii PP dubartii harka qalleettii tokko hidhanii dararaa jiraachuun himame

ONM-ABO Bitootessa 3, 2025 

Aanaa Jimmaa Raaree ganda Ifa Biyyaa jedhamu keessaa Gurraandhala 26, 2025 waraanni sirna dhableessi impaayerattii haadha daa’imman 2 kan taate dubartii maqaan ishee Aadde Caaltuu Gafarsaa jedhamtu badii tokko malee ilmaan ishee irraa qabuun waajjira poolisii aanichaatti hidhanii garmalee dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka maddeen himanitti, Aadde Caaltuun hojii galiin isaa harkaa gara afaanii ta’e Farsoo naqxee gurguruun ijoollee ishee kan guddifattu ta’uu himuun, ergamtoonni sirnichaa kunneenis osoo isheen Farsoo dhugamu kana naqxee lafaa hin qabaatin, “osoo jiruu nutti gurguruu didde” jechuun badii malee qabanii hidhuu dubbatu.

Gara jabeeyyiin loltoota Bilxiginnaa ilmaan Oromoo hunda sobaan yakkuun haala duraan amaleeffataniin olitti hiraarsaa kan jiran ta’uun ni beekama.

Exit mobile version