ONM-ABO Hagayya 5, 2025
Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jimmaa Raaree ganda Tattaafataa Tulluu Maraa keessaa Hagayya 1, 2025 ergamtoonni Bilxiginnaa maanguddoo ganna 55 olii haadha ilmaan 11 kan taate maqaan ishee Aadde Waaqashee Gaddafaa kan jedhamtu badii tokko malee mana isheetii ukkaamsuun waajjira poolisii aanichaatti hidhanii hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka maddeen himanitti, Aadde Waaqasheen deggertuu siyaasa dhaaba kamiiyyuu kan hin taane yoo taatu, jaleewwan sirnichaa garuu maqaa “ilma keetu bosona jira” jedhuun ilmaan ishee irraa hidhanii dararaa jiraachuu dubbatu.
Murni Bilxiginnaa sababoota garaa garaa itti maxxansuun maatii qabsaa’otaa fi sabboontota ilmaan Oromoo adamsee hidhuu, achi buutee dhabamsiisuu, haala suukkanneessaan ajjeesuu, qe’ee fi qabeenya isaanii mancaasuun goleewwan Oromiyaa mara keessatti jireenya maatii meeqaa burjaajessee jiraachuun ni beekama.

