Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Irree fi gaachanni uummata Oromoo Waraana Bilisummaa Oromoo godina lixa Shaggar Aanaa Liiban Jaawwiitti waraana PP mar’achiise

Irree fi gaachanni uummata Oromoo Waraana Bilisummaa Oromoo godina lixa Shaggar Aanaa Liiban Jaawwiitti waraana PP mar’achiise.

(ONM-ABO Bitootessa 27,2022)

Aanaan Liban Jaawwii gandoota 16 kan qabdu yoo ta’u gandoota kana keessa gandootni 12 harka jajjabee jiru. Guyyaa Bitootessa 25,2022 irraa eegale ganda Muunyoo Baabboo Gaalloo magaalaa Baabboo Gaalloo seenuuf yaali goodhaa turte.

Bitootessa 26, 2022 ganamaan magaala kana seenuuf dishqaa dhukaasa akka dhufteen seensa magaala Baabboo Gaalloo bakka addaa Laga Gurraa irratti jajjabeen rasaasa itti roobsuun baarudaan macheesse madoo fi reenfa baachisee of duuba deebiseera. Magaalaan Baabboo Gaalloos harka jajjabee Waraana Bilisummaa Oromoo kan jirtuu ta’uun barameera.

Injifannoon Uummata Oromoof!Enter

Exit mobile version