Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

WBOn zooniilee kibbaa godina Gujii bahaa keessatti haleellaa raawwachuun karoora sakkattaa WBO PPn baafatte fesheleessaa jira

WBOn zooniilee kibbaa godina Gujii bahaa keessatti haleellaa raawwachuun karoora sakkattaa WBO PPn baafatte fesheleessaa jira.

(ONM-ABO Bitootessa 31,2022)

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo zoonii kibbaa sakkattaa WBO waraana mootummaa PP Iizii kibbaan guyyaa saddeessoof walitti fufiinsaan irratti raawwataa ture gootummaa fi cichoominaan dura dhaabbachuun injifannoo cululuqaa galmeessee jira.

Haaluma kanaan lola guyyaa har’aa Bitootessa 31,2022 irree fi gaachanni saba Oromoo WBOn godina Gujii bahaa keessatti taasiseen hanga gabaasni kun qindaa’etti waraana sirna PP 30 yoo ajjeefamu 50 madaa’uun gariin galaanatti naqanii harkaan qabanii jiru.

Sakatta’iinsa ijibbaataa PPn baafatee geggeessaa jiru kana WBOn irra aanuun mooraa diinaa raasaa jira. Guutuu gabaasa kanaa akka nu ga’ern isin qaqqabsiisna.

Injifannoon Uummata Oromoof!

Exit mobile version