Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

WBO’n Godina Gujii bahaa aanaa Gooroo Doolaa keessatti waraana bilxiginnaa adabe

ONM-ABO Bitootessa 5, 2023

Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn zoonii kibbaa konyaa Gujii bahaa keessa socho’u birgeediin Gannaalee Siidaa Gurraachaa aanaa Gooroo Doolaa ganda Diilalleessaa Reebaa buufata weerartuu pp kan taate magaalaa Qalqalchaa keessatti tarkaanfii cimaa kaleessa ganama jechuun Bitootessa 4/2023 lola marsaa sadii waraana garboonfaa PP irratti godheen loltoota PP  36 battalatti yoo ajjeesu 21 ammoo madeessee jira

Ittuma fufuun guyyaa har’aa Bitootessa 5  birgeediin Gannaalee Siidaa Gurraachaa humna birmannaaf aanaa Waadaraa irraa konkolaata ja’aan dhufan irratti tarkaanfii cimaa marsaa lama fudhateen loltoota PP 18 battalatti ajeesee 13 ammoo madeessuun injifannoo boonsaa galmeesse jira.

Injifannoon Uummata Oromoof!

Exit mobile version