Finfinnee keessaa nama butuun gara moonaa leenjii waraanaa geessaa jiraachuu jiraattonni dubbatan.
ONM-ABO Caamsaa 14,2022
Mootummaan waan qabee gadhiisu wallaale mootiin sirna Nafxanyaa, loltoota inni of harkaa qabu irra jireessi lola Kaaba impaayeritti naannoo Tigiraay waliin taasisaa turaniin kan irraa obba’e yoo ta’u, kuuwwan ammoo Oromiyaatti as dacha’uun WBOn daara’uun, duubbeen qabsoo PP bakka duwwaa ta’aa dhufeera.
Hanqina Waraanaa, loltoonni isaa lola irratti jalaa dhumanii kana guuttachuuf, mootummaan PP, yeroo gara garaatti beeksisa baasuufi miindaan goyyomsuun dargaggeessa gara moonaa leenjii Waraanaatti galchuuf yaalaa turanis, milkaa’uu dadhabuun, humnaan bakkoota gara garaatii ukkaamsuun qabanii moonaa leenjii geessaa jiraachuu gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.
Haaluma kanaan jiraattota magaalaa Finfinnee, keessattiyyuu dargaggoota hojii kophee qulqulleessuu irratti bobbaa’aniifi hoji barbaaddota akka waan hojii guyyaa ykn kontiraataa hojjechiisuutti galmeessuun bakka tokkotti walitti qabuun humnaan gara moonaa leenjii waraanummaatti oofaa jiraachuu jiraataan magaalaa Finfinnee Arraatni Biyyoolessaa dubbise tokko addeesseera.
Akka jiraataan kun jedhetti hojii humnaan sossobanii qabachuun cinatti nama qofaa ofii deemu konkolaataan ukkaamsanii qabanii deemaa jiraachuunis babal’ataa akka jiru dubbateera.
Godinaalee Oromiyaa bakkoota gara garaa, keessattiyyuu godinaalee Lixa Shaggariifi Lixa Oromiyaa keessatti manneen hidhaa gara garaa irraafi humnaan ukkaamsanii dargaggoota gara moonaa leenjiitti fe’aa turuu isaanii gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.

