Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Oromoonni biyya Siwuudin jiraatan Hiriira mormii mootummaa impaayera itoophiyaa irratti gaggeessan

Oromoonni biyya Siwuudin jiraatan Hiriira mormii mootummaa impaayera itoophiyaa irratti gaggeessan

ONM-ABO Caamsaa 14,2022

Ilmaan Oromoo biyyoota hambaa jiran qabsoo Oromoo keessatti Oromoof sagalee ta’uun akkasumaas Waraana Isaanii waraana Bilisummaa Oromoo WBO cina dhaabachuun qabsichi akka xumura argatuuf gahee isaanii bahuutti jiru.

Haaluma kanaan ilmaan Oromoo biyya Siwuudin jiran guyyaa kaleessa caamsaa 13/2022 hiriira nagaa geggeessuun saba isaanii Oromoof sagalee ta’aa turaaniiru.

Hiriira kana irratti hirmaatoonni sagalee isaanii Waraanni Bilisummaa Oromoo WBOn bilisummaa Oromoof qabsahaa, Hoggantoonni fi miseensonni ABO hundii bilisa haa bahaan Itiyoophiyaa keessaa nagaa fi dimookirasiin hin jiruu, Abiyiin uummata nagaa ajjeessaa ,hidhaa jira, qabeenyaa jalaa gubsiisaa jiraafi dhaadannoolee biroo dhageesisaa oolaaniiru.

Akkasumaas hirmaatonni, hiriira kana irratti hirmaatan qabsoo Waranni bilisumma Oromoo WBOn geggeessa jiru humna qabnuufi beeksuma keenyaan bira dhaabbanna jechuun ergaa isaanii dabarfatani jiru.

Exit mobile version