Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Hawaasnni Oromoo Biyya Awusturaaliyaa , magaalaa Meelboorn keessa jiraatan hiriira mormii jabaa duguuggaa sanyii Oromoo irratti raawwachaa jiru ilaalchisuun balaaleffannaa murna bilxiginnaa irratti qaban waliin gaggeessaa oolan

ONM-ABO Melbourne, 15 Muddee 2022 Hawaasnni Oromoo Biyya Awusturaaliyaa , magaalaa Meelboorn keessa jiraatan hiriira mormii jabaa duguuggaa sanyii Oromoo irratti raawwachaa jiru ilaalchisuun balaaleffannaa murna bilxiginnaa irratti qaban waliin gaggeessaa oolan.

Kaayyoon hiriira mormii kanaa ajjeechaa, haleellaa diroonii fi xiyyaara waraanaa biroo, dhumaatii suukkanneessaa humnoota faannoo, mootummaa naannoo Amaaraa fi deggertoota mootumama Itoophiyaatiin uummata oromoo irratti gaggeeffamaa jiru balaaleffachuun mootummaa Awustiraaliyaa dhiibbaa siyaasaa fi diinagdee akka taasisu gaafachuu dha.

Hiriira kana irratti WBOn wabii uummata Oromoo ta’uu fi guutummaa Oromiyaa keessatti lola uummata Oromoo irratti labsame ittisuuf mirga qabachuu hawaasni hriira ba’e deggersa isaanii agarsiisaniiru.

Hiriira mormii sa’a afurii oliif gaggeeffame irratti hawaasni addunyaa dhumaatiin ummata Oromoo irratti raawwatamaa jiru akka dhaabbatuuf ga’ee isaanii akak ba’an gaafataniiru.

Hawaasnni Oromoo biyya alaa jiraatu uummata isaaf sagalee ta’uu akka itti fufuu fi WBO guutummatti gargaaruu akka qabuus dhaamsa isaanii dabarfataniiru.

Exit mobile version