Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Ilmaan biyya USA magaalaa Waashingitenii fi naannoo ishee jiraatan duguuggaa sanyii Oromoo irratti raawwachaa jiru mormuu waamicha hiriiraa taasisan

Ilmaan biyya USA magaalaa Waashingitenii fi naannoo ishee jiraatan duguuggaa sanyii Oromoo irratti raawwachaa jiru mormuu waamicha hiriiraa taasisan.

ONM-ABO Muddee 11,2022 Ilmaan Oromoo biyya ambaa jiraatan gocha duguuggaa sanyii tumsa murna bilxiginnaan uummata Oromoo irratti finxaaleyyii Amaaraa fi waraana faashistii Abiy Ahimediin raawwachaa jiru mormuuf hiriira mormii waamuu itti fufanii jiru.

Lammiilee Oromiyaa nagaan dhabuun biyyaa isaanii fi duguugamuun saba isaanii irriba isaan dhorke kanneen biyya USA magaalaa Waashingitenii fi naannawaa ishee jiraatan Kibxataa fi Roobii dhufu Muddee 13 fi 14 fuuldura waajjira mootummaa Ameerikaa fi waajjiraalee idil addunyaa dhaabbachuu duguuggaa sanyii ta’e jedhee murna bilxiginnaa fi deggertoota isaan geggeeffamaa jiru balaaleffachuuf waamicha taasisanii jiru.

Hiriira kanaanis balaaleffannaa gocha taasifamaa jiruun cinaatti mootummaan Ameerikaa murna bilxiginnaa lammiilee Oromoo lafa irraa haxaa’aa jiruuf deggersa diinagdee akka hin goonee, dhiibbaa akka irraan geessuu fi gaaffiilee hedduu ni gaafatu jedhamee eegama.

Hiriirri kun biyyoota ambaa garaagaraa keessatti ta’aa turuu koreen qindeessituun kaasuun fuula duras hiriira jabaa bakka Oromoon jiru cufatti akka geggeeffamus kallattii akeekaniiru.

Exit mobile version