Yuuniversitii Finfinnee damee garaagaraa keessatti filannoo pirezidaantii barattootaa jechuun har’a geggeeffamaa jiru wal gaarreffannaa barattoota Oromoo fi Amaaraa gidduutti uumuun ibsame.
( ONM-ABO Caamsaa 30,2022 )
Akka Arraata Biyyoolessa Oromiyaa barattoota Oromoo mooraalee Yuuniversitii Finfinnee garaagaraa irraa dubbise ifoomsutti erga baatii lamaan dura barattootni Oromoo mooraa yuuniversitii Finfinnee Siddist Kiiloo keessatti barattoota finxaaleyyii Amaaraan walitti bu’aniin booda wal shakkii jiraachuu fi tasgabbiin dhabuu irraan kan ka’e caasaa barattootaa ijaaruu filannoo kana geggeessuuf murteessuu bulchiinsa yuunivarsitichaa ibsaniiru.
Torbee darbee qabuun qophii filannoo geggeessaa kan turan yoo ta’u har’a ganama Caamsaa 30,2022 irraa qabuun barattootni koolleejjii koolleejjii isaanii irraa nama tokko filatanii dabarsuun jarri filaman ammoo nama tokko kan pirezidaantii barattootaa yuuniversitii Finfinnee akka filan adeemsa jiru barattootni Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise addeessaniiru.
Haa ta’u malee filannoo kanaan barattootni Amaaraa saboota anansiisuun of cinaa hiriirsanii barataa ilaalcha isaanii tarkaanfachiisuuf akka darbuufiif irratti hojjechaa akka jiraniif barattoota Oromoo waliin wal gaarreffannaa, dubbiif wal barbaaduu fi jechoota miira keessa nama galchan darbachaa akka jiran kan dubbatan barattootni haala ammaa rakkoon filannoo booda dhalachuu danda’a jedhaniiru.
Yuuniversitii Finfinnee mooraa Siddist Kiiloo keessatti erga walitti bu’iinsi barattoota Oromoo fi Amaaraa dhalateen booda eegdota moorichaa guutummaatti warreen sabaan Amaara ta’anitti jijjiiru bulchiinsa moorichaa gabaasuun keenya ni yaadatama.

