ONM-ABO Waxabajjii 19, 2024
Murni faashistii PP lammiileen hunduu hirmaattotaa fi taatota badii isaa akka ta’aniif barbaadu, nama cufa qabatee duula lolaa labsuu fi tarkaanfii isaan badii uumamu qulqulluu godhanii akka dubbataniif duula taasisu amma ammoo barattoota Oromoo Yuunvarsiitiilee adda addaa irraa bakka tokkotti walitti qabuun leenjii kenneefii bobbaasuuf akka jiru barameera.
Leenjii barattoota Oromoo Yuunvarsitii kanaaf maqaa ‘tola ooltummaan’ Yuunvarsitii Finfinnee fi Yuuniversitii biroo keessatti guyyaa lama lamaaf leenjiin kennamee jira.
Yuuniversitii Finfinnee keessatti dheengadda Waxabajjii 17, 2024 leenjii kennuu kan eegalan yoo ta’u, guyyaa kaleessaa ammoo haala ramaddii isaanii fi uffata kennaafii turan.
Tola ooltummaa kana maqaa “Waliin Mana Waloo Keenyaaf!” jedhuun Itoophiyaa mana ibiddaa taate, kan saba barattootni kun irraa dhalatan dugugaa jirtu biyya waloo fakkeessuuf dhama’aa jiru.
Kaayyoon tola ooltummaa isaan jedhanii kun uummatni nageenya isaa fi naannoo isaa akka eeggatu barsiisu, akkasumas; murni amma aangoo irra jiru karaa nagaa aangootti dhufe waan ta’eef qawwee irratti kaasuun sirrii mitii fi filannoo qofaan aangoon qabatama jechuun quuqamaa uummataa of fakkeessuun dhiyaatu.
Kana malees murni aangoo irra jiru bu’aa wareegama dargaggoo Oromoo waan ta’eef dargaggoonni Oromoo bilxiginnaa kana tumsuu qabna jechuun uummata, bilxiginnaaf gadi jechisiisuuf akka hojjetan barameera.
Barnoota kennan kana waliin maqaa mana hiyyeeyyii suphuu, naannoo qulqulleessuu fi biqiloota dhaabuu jedhuun aanaa irratti ramadamanii ni hojjetu.
Yuuniversitii Finfinnee irraa barattoota 900 ol, Yuuniversitii garaagaraa irraas lakkoofsi adda addaa kanneen durumayyuu Yuuniversitii keessatti hidhata bilxiginnaa ta’an galmaa’uun dabballee bilxiginnaa ta’anii maallaqni kaffalameefii maqaa tola ooltummaan imaammata bilxiginnaa afarsaa duula filannoo akka geggeessaniif itti yaadamee qophaa’uu akkasumas, dargaggootni Oromoo ilaalchaan wal qoodanii akka wal irraa baqatan taasisuuf akka ta’e sabboontootni barattoota Oromoo ibsaniiru.
Barattoota bilxiginnaan maqaa tola ooltummaa kanaan bobbaasu, yoo badii balleessanis akka waraanaatti akka boolla qotan waltajjii irraa qajeelfama dubbisuufii sagaleen abbootii waltajjii leenjii barattoota Oromoo Yuunivarsiitiilee adda addaaf kennaa turan irra hubachuun ni dandaa’ama.

