Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Hiriira mormii ajjeechaa hogganaa siyaasaa Oromoo Jaal Battee Urgeessaa ilaalchisuun barattootni Oromoo Yuuniversitii Finfinnee Mooraa Kiiloo 6 keessatti kaleessa geggeessaniin murni faashistii PP barattoota 2 Yoomiif Kumsaa fi Gabbisaa Abbabbuu jedhamu galgala qabuun buufata poolisiin Menenitti hidhuun barameera

ONM-ABO Ebla 11, 2024

Hiriira mormii ajjeechaa hogganaa siyaasaa Oromoo Jaal Battee Urgeessaa ilaalchisuun barattootni Oromoo Yuuniversitii Finfinnee Mooraa Kiiloo 6 keessatti kaleessa geggeessaniin murni faashistii PP barattoota 2 Yoomiif Kumsaa fi Gabbisaa Abbabbuu jedhamu galgala qabuun buufata poolisiin Menenitti hidhuun barameera.

Guyyaa har’a ammoo poolisootni federaalaa fi magaalaa Finfinnee waliin ta’uun seensa Yuuniversitii irra dhaabbatanii sakattaa cimaa geggeessaa jiru. Konkolaataa paatiroolii dhaabanii waan jiraniif barattoota qabanii deemuuf qophii irra jiraachuu maddeen himuun, sababa kanaaf barattootni hedduun gadi ba’uu dhiisanii mooraa keessa dhokatanii akka jiran ibsaniiru.

Exit mobile version