ONM-ABO Ebla 22, 2024
Barattootni Oromoo Yuuniversiitii Wallaggaa ajjeechaa Qondaala ABO fi falmaa mirga namoomaa Jaal Battee Urgeessaa irratti waraana faashistii PPn Ebla 9, 2024 galgala magaalaa Maqiitti raawwate ilaalchisuun guyyaa har’aa Ebla 22 mormii qaban dhageessisaniiru.
Mormii isaanii kanas laaqanaaf kutaa nyaataa mooraa Yuuniversiitichaatti argamanii nyaata lagachuun agarsiisan.
Kana malees mooricha keessatti waraanni faashistii PP buufatanii jiran nyaata barattootaa nyaachuu fi bulchiinsi moorichaa maallaqa barattootaaf ramadamuu dhuunfaa isaaniif oolfachuun barattoota dararaa jiraachuu irrattis mormii qaban dhageessisaniiru.
Sababa kanaanis Poolisootni moorichaa barattootatti bobbaafamuun reebichaan kutaa nyaata barattootaa keessaa ari’aniiru.
Yeroo gabaasni kun qindaa’etti barattootni baqachuun doormiitti kan galan yoo ta’u, moorichi Poolisootaan guutuun sodaa nagaeenyaa uumee jiraachuu barattootni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

