• Wed. Jan 14th, 2026

Oduu Ammee Barattootni Yuuniversiitii Wallaggaa Ajjeechaa Jaal Battee Urgeessaa irratti raawwatame ilaalchisuun nyaata lagatan

Apr 23, 2024

ONM-ABO Ebla 22, 2024

Barattootni Oromoo Yuuniversiitii Wallaggaa ajjeechaa Qondaala ABO fi falmaa mirga namoomaa Jaal Battee Urgeessaa irratti waraana faashistii PPn Ebla 9, 2024 galgala magaalaa Maqiitti raawwate ilaalchisuun guyyaa har’aa Ebla 22 mormii qaban dhageessisaniiru.

Mormii isaanii kanas laaqanaaf kutaa nyaataa mooraa Yuuniversiitichaatti argamanii nyaata lagachuun agarsiisan.
Kana malees mooricha keessatti waraanni faashistii PP buufatanii jiran nyaata barattootaa nyaachuu fi bulchiinsi moorichaa maallaqa barattootaaf ramadamuu dhuunfaa isaaniif oolfachuun barattoota dararaa jiraachuu irrattis mormii qaban dhageessisaniiru.

Sababa kanaanis Poolisootni moorichaa barattootatti bobbaafamuun reebichaan kutaa nyaata barattootaa keessaa ari’aniiru.
Yeroo gabaasni kun qindaa’etti barattootni baqachuun doormiitti kan galan yoo ta’u, moorichi Poolisootaan guutuun sodaa nagaeenyaa uumee jiraachuu barattootni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading