Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Hiriirri ajjeechaa Jaal Battee Urgeessaa irratti raawwate mormu Yuuniversiitii Finfinnee mooraa Kiiloo 6tti geggeeffame

ONM-ABO Ebla 10, 2024

Barattootaa Oromoo Yuuniversiitii Finfinnee mooraa Kiiloo 6 keessa jiran wal qindeessuun ajjeechaa murni faashistii PP Qondaala ABO Jaal Battee Urgeessaa irratti raawwate mormuun hiriira ba’anii jiru.

Hiriirri kun har’a waaree booda sa’a 10:00 irratti geggeeffamuuf karoorri ba’us poolisootni federaalaa basaastota waliin qindaa’uun bakka hiriiraatti argamuun bittinneessuun barattoota muraasa to’annoo jala oolchanii turan.

Haa ta’u malee onneen dhiigaaf dhiigdu sibiilaa fi uffata ergamtoota bilxiginnaaf osoo hin jilbeeffanne deebi’anii wal ijaaruun sa’atii 10:40 irraa qabuun gocha ajjeechaa Jaal Battee Urgeessaa irratti raawwate mormuun bilxiginnaa balaaleffatanii jiru.

Hiriira kana keessaa barattoota tokko tokko akka dubbisnetti gochi Jaal Battee irratti raawwate itti fufiinsa ajjeechaa Oromoo hayyoota dabalate ta’uu fi boris kan kanaa olii dhufuu akka danda’u akeektuudha jechuun uummatni Oromoo tokkummaan waan danda’uun sagalee jabaa jiraachuu isaatiif dhageessisuu qaba jedhan.

Uummatnis ta’e barattootni keenya ajjeechaa kana mormuun sagalee keenya baanee haa dhageessisnu jechuun yaada isaanii nuuf qoodaniiru.

Exit mobile version