Waraanni mootummaa Eertiraa Tigraay keessatti manneen barnootaa meeshaalee gurguddaan haleeluu dhaabbata mootummoota gamtoomanii wabeeffachuun Aljeeziraan gabaase.
( ONM-ABO Waxaabajjii 1,2022 )
Akka Aljeeziraan kaleessa Caamsaa 31,2022 gabaasa mootummoota gamtoomanii fi humnoota naannoo irraa argadhe jechuun gabaasetti waraanni Eertiraa kaaba impaayeera Itoophiyaa keessatti torbee darbee darbee magaalota naannoo Tigraay irratti haleellaa raawwachuu gabaase.
Haleellaan darbee dhufe kun erga naannoon sun ji’oota lamaa as erga lolli baatii Sadaasa 2020 eegalee yeroo nagaa xiqqoon argame jedhametti.
Akka ragaa mootummootni gamtooman garee gargaarsa namoomaa laatan irraa magaalaa Shiraaroo irraa adda baase, kan Reuters wabeeffate irraa akka ibsutti halleellan raawwate marsaa 23 ta’uu ibsuun haleellan kun muraasni manneen barnootaa akka rukutee fi hawaasas buqqisuu gabaasichi eerera.
Akka gabaasichi jedhutti haleellaa kana shamarreen waggaa 14 kan duute yoo ta’u, namni 18 madaa’uu fi mannee 12 irratti miidhaan qaqqabeera.
Wiixata darbe dhaabni TPLF haleellaa waraanni Eertiraa waraana ittisa Tigraay irratti naannoo Shiraaroo kan daangaa Tigraay fi Eertiraa irraa maayila 7 hin fagaanne irratti Sanbata duraa fi Dilbata darbe geggeeffame irratti mootummaa Eertiraa komatee ture.
Haa ta’u malee Eertiraan erga lolli baatii Sadaasaa 2020 eegalee as muummicha ministeeraa Itoophiyaa Abiy Ahimediin deggeruun lolicha keessatti hirmaachaa jirti.
Walitti bu’iinsa dheengaddaa kanaan TPLF akka ibsetti waraanni isaanii ajajoya waraana Eertiraa 4 fi miseensoota waraanaa 300 ol torber dhuma darbe kana ajjeesuu ibsee jira.
Akka obbo Geetaachoo Raddaa, dubbi himaan mootummaa Tigraay jedhetti walitti bu’iinsa dhalchuun rakkoo jiru wal xaxaa gochuuf waraanni Eertiraa Caamsaa 28 fi 29,2022 haleellaa geggeessuu himan.
Dhimma kana irratti dhaabbanni oduu Reuters ministeerri odeeffannoo Eertiraa obbo Yemaanee Gabire Masqaliin yaada gaafatus deebii kan hin arganne yoo ta’u gama murna maafi’aa PPtiin hanga yoonaa waanti jedhame hin jiru.
Kana irraa ka’uun impaayeerattii keessatti golgaa nagaa jechuun dubbiin adeemaa jiru impaayeera mootummaa lamaan birmadummaan ishee sarbamee fi dantaa isaanii keessatti akka tikfamuuf hojjechaa jiran keessatti Abiy Ahimed qofa isaa rakkoo kana furuu akka hin dandeenye kan agarsiisuudha kan jedhan xiinxaltoota siyaasaa ti.

