ONM-ABO Sadaasa 8, 2023
Chaayinaan Kibxata kaleessaa qaamotni waldhabdee Israa’elii fi Falasxiin keessa jiran hatattamaan diinummaa akka dhaaban gaafachuu CGTN gabaase.
Erga waldhabdeen marsaa haaraan kun ka’ee as, Falasxiinonni Gaazaa keessa jiran boombii loogii tokko malee rukutaman gidduutti laamsha’aniiru. Hospitaala, manneen barnootaa, mooraa baqattootaa fi dhaabbilee UN keessattillee hin haleellaan kun hin hafneef.
Barreessaan olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutereez ummanni Gaazaa gidiraa dhala namaa guddaatu isaan mudataa jira jechuu isaanii, Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti itti aanaan bakka bu’aa dhaabbataa Chaayinaa Geeng Shuang dubbatan.
Ammas ifa ta’uu qaba, jeequmsi fi haleellaan namoota nagaa irratti raawwatamu hundi balaaleffamuu akka qabu, seera idil-addunyaa cabsuun kamiyyuu fudhatamuu hin qaban jedhan.
Humna loogii malee fayyadamuun fudhatama hin qabu. Dhaabbileen siiviilii, kan akka hospitaalota, manneen barnootaa fi mooraa baqattootaa, galma hojii waraanaa ta’uu hin qaban, ta’uun irra hin jiru.
Nageenyi hojjettoota Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, hojjettoota gargaarsa namoomaa fi yaalaa mirkanaa’uu qaba jechuun walgahii guutuu Koree Afraffaan Yaa’ii Waliigalaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii kan barmaatilee fi sochii qubsuma Israa’el naannolee qabaman keessatti gaggeesse irratti himan.
“Chaayinaan qaamoleen waldhabdee kana keessatti hirmaatan hawaasni addunyaa dhukaasa dhaabuu akka gaafatu, hatattamaan diinummaa akka dhaabbatu akkasumas daran akka hin hammaanneef carraaqqii hunda akka godhan gaafatti,” jedhan.
Chaayinaan humnaan buqqa’uu fi humnaan uummata Falasxiin bakka biraatti jijjiiruu cimsitee kan balaaleffattu yoo ta’u, ajajni kaaba Gaazaa keessaa uummatni ba’uu hatattamaakka kaafamu gaafatti jedhan.
Akkuma barreessaan muummichi dubbatan haalli har’aa bakka duwwaatti hin taane. Dhugaan waldhabdee Gaazaa duuba jiru, bakki jireenyaa Falasxiinotaa walakkaa jaarraa oliif Israa’el qabatteen hanga daangaatti micciiramee jiraachuu isaati jedhan Geeng.
Sochi qubsumaa itti fufiinsaan babal’achuun isaa, kan lafa Falasxiin weeraru, qabeenya Falasxiin dhuunfatuu fi mirga hiree murteeffannaa Falasxiinotaa sarbu, mootummaa Falasxiin walabaa, abbaa biyyummaa fi gaaffileen walitti aananii jiran daran akka hin argamne taasiseera.
Israa’el murtee Mana Maree Nageenyaa 2334 cabsuu dhaabuu, sochii qubsumaa hunda dhaabuu, Falasxiinota ari’uu dhaabuu, jeequmsa qubsiistotaa cimaa dhufe dhaabuu fi daftee karaa sirrii furmaata mootummoota lamaatiin deebi’uutti dhufuu qabdi jedhan.
Chaayinaan Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii fi Manni Maree Nageenyaa tarkaanfii itti gaafatamummaa fi hiika qabu akka fudhatan ummanni Falasxiin mirga isaa kan hin mulqamne akka deebisuu fi itti fayyadamuu keessatti akka deeggaran gaafatti.
Chaayinaan akka pirezidaantii Mana Maree Nageenyaa Sadaasaatti qaamolee dhimmi ilaallatu hunda waliin qunnamtii cimaa qabaachuu itti fufti, diinummaan akka dhaabbatu, namoota nagaa eeguu fi balaa namoomaa guddaa ta’e hambisuuf gahee ijaarsaa taphachuu itti fufti, kanaaf tattaaffii hin dhaabne gara gaaffii Falasxiin irratti furmaata hunda galeessa, haqa qabeessaa fi waaraa ta’uu argamsiisuuf akka hojjettu miidiyaan Mootummaa Chaayinaa CGTN gabaasa har’a baaseen beeksiseera.

