Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Israa’el lammiileen hatattamaan Joordaan fi Masrii keessaa akka bahan gaafachuu fi Hamaas lammiileen ugguramanii jiran yoo Israa’el weerara dhabde qofa gadhiifamu jechuu Aljazeeraan gabaase

ONM-ABO Onkoloolessa 21, 2023

Gabaasni Aljazeeraa akka ibsutti Manni Maree Nageenya Biyyaalessaa Israa’el Israa’eloonni Masrii fi Joordaan keessa jiran dafanii akka ba’an, akkasumas imala barbaachisaa hin taane gara Morookootti gochuu irraa akka fagaatan akeekkachiiseera.

Akka gabaasa Times of Israel jedhutti akeekkachiisni kun kan dhufe mootummaan Israa’el mormii Israa’el irratti addunyaa guutuutti, keessumaa biyyoota Arabaa Baha Giddu Galeessaa keessatti gaggeeffame irratti haalli deemaa jiru “guddaa haammaa ta’uu” irraan kan ka’e ta’uu gabaasichi ibseera.

Oduu biraatiin ammoo Abbaan dargaggeettii Ameerikaa Naataali Raanan Uri Raanan, intalli isaa erga Hamaasiin ukkaamfamtee torban lamatti siqu booda haala gaarii irra akka jirtu dubbateera.

Kaleessa intala isaa waliin kan dubbate Raanaan haalli isheen irra jirtu gaariin dha, gara manaatti deebi’uuf eegaa jirti jechuun gaazexeessitoof himeera.

Haati ishee Yuudiit Raanaanis Israa’el keessatti Hamaasiin butamtee Gaazaatti hidhamtee turte. “Isheen mataa irratti xiqqoo tuqaa qabaachuu fi maatiin isaa haati manaa fi intalli isaa gadhiifamuuf Pirezidaanti Joe Biden galateeffateera.

Lammiileen Ameerikaa Hamaasiin ukkaamfaman lamaan gadhiifamuu isaanii hordofee gaaffii fi deebii Al Jazeera waliin , miseensi biiroo siyaasaa Hamaas tokko “taasisaniin namoota siiviilii, “qaamolee waraanaa fi qubsiistotaa” garee kanaan qabaman gidduutti garaagarummaa kaa’uun, Mohammad Nazzal itti dabaluudhaan yoo waraanni Israa’el weerara isaa dhaabe Hamas namoota nagaa sana akka gadhiisu dubbachuu dubbii Aljazeeraa irratti dubbataniin ibsaniiru.

Exit mobile version