Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kaataar Israa’elii fi Hamaas dhukaasa guutuu dhaabuu fi hidhamtootnis akka gadi dhiifaman gaafatte

ONM-ABO Onkoloolessa 28, 2023

Dhaabbanni oduu Aljazeeraa biyyi baha Giddu Galeessaa Kaataar wal waraansi Israa’el fi Hamaas gidduutti geggeeffamaa jiru ilaalchisuun dhukaasni hatattamaan akka dhaabbatuu fi hidhamtoonni waraana Gaazaa keessa jiran hundi akka hiikaman gaafattee jirti.

“Haleellaan Israa’el namoota nagaa qulqulluu irratti raawwattu balaa guddaa geessisaa kan jiru yoo ta’u, haala naannichaa fi addunyaa balaadhaaf saaxilutti geessuu danda’a jedhu.
Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii chaartara isaa jalatti itti gaafatamummaa fudhachuu dhabuu isaatiif gadda guddaa akka qabnu ibsina,” jechuun Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti ambaasaaddarri Kaataar Sheikha Alya Ahmed Saif Al Thani dubbataniiru.

“Waamichi keenya akka hammeenya hir’atu dhukaasni guutuun dhaabbatuu fi hidhamtoonni hundi – keessumaa lammiileen nagaa akka gadhiifaman haaromsina jedhan. Lammiilee nagaa, keessumaa dubartootaa fi daa’imman irratti xiyyeeffachuun bifa hundaan gocha deemaa jiru balaaleffachuu keenya irra deebinee mirkaneessina jechuun Ambaasadarichi dubbateera.

Aljazeeran maddeen kiyya irraan argadhe jechuun odeessa kaleessa qabatee ba’een mariin Kaataariin giddu galeessa godhate, waliigaltee dhukaasa dhaabuu fi hidhamtoota jijjiiruu Israa’el fi Hamas gidduutti taasifamaa jiru saffisaan tarkaanfachaa jira jedhe.

Mariin itti fufee jiraachuun kan hime gabaasichi, guddinni maree kanaa waraana torban sadii keessatti dhiigaan guutameef jijjiirama guddaa agarsiisuu danda’a jedhameera.

Kun kanaan osoo jiruu, yeroo mareen dhukaasa guutuutti dhaabuu fi hidhamtootni gadhiifanuu dubbatamaa jiru kana keessatti guyyuma kaleessaa Israa’el Hamaas hospitaalota akka ‘giddugala opereshiniitti’ fayyadama jechuun yoo himattu, Hamaas komee Israa’el dhiyeessite waakkachuu odeessi Aljazeeraa irraa arganne ni addeessa.

Exit mobile version