Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Muummichi ministeera Israa’el Netaaniyaahuun Chaayinaan fi Qaxar siyaasaan Israa’el ‘goola’uuf yaalii godhu jedhan

ONM-ABO Fulbaana 16, 2025 

Muummichi ministeera Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuun Wiixata kaleessaa akka jedhanitti Israa’el Chaayinaa fi Kaataariin ”marfama” jala jirti. Awurooppaa fi Ameerikaa dabalatee deggarsa michoota Israa’el irraa argamu balleessuuf hojjechaa jiru jechuun himate.

Hogganaan Israa’el kun jila paartilee lamaa miseensota seera baastoota Yunaayitid Isteets 250 of keessaa qabu  irratti Yerusaalemitti dubbataniiru. “Dimookiraatonni fi Rippabilikaanonni walqixa, deggarsa keessaniif iddoo guddaa kennina, ni kunuunsina. Kanas mancaasuuf carraaqqiin cimaan taasifamaa jira,” jedhan.

Netaaniyaahuun “uggura” siyaasaa kana kan Iraan bakka bu’oota isheetiin Israa’el irratti “marfama waraanaa” kaa’uuf yaaliin goote jedhe waliin wal bira qabanii ilaalan.

Muummichi ministeera Israa’el Chaayinaa fi Kaataar seera qabeessummaa Israa’el irratti haleellaa miidiyaa hawaasaa biyyoota dhihaa fi Ameerikaa irratti qindeessan jechuun himataniiru.

“Isa ofirraa ittisuu qabna, carraaqqii mataa keenyaanis ni mormanna,” jedhan.

Netaaniyaahuun kana kan dubbatan Kaataar torban darbe Dohaatti haleellaa Israa’el hoggantoota Hamaas irratti raawwatteef deebii tokkummaa kennuuf abdii qabaachuudhaan hoggantoota biyyoota Arabaa fi Islaamaa keessummeessaa yeroo  turteetti.

Walgahii kana irratti Amiir Kaataar Sheek Tamiim Bin Hamad Al Taanii Israa’el ”Gaazaan kana booda jiraachuu akka hin dandeenye mirkaneessuu” barbaaddi jechuun himataniiru.

Ministirri haajaa alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoonis Wiixata kaleessaa Israa’el daawwatchuun yaa’ii waliigalaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii dhufu irratti balaaleffannaan idil-addunyaa waraana Israa’eliin wal qabatee guddachaa dhufeen  deggarsa agarsiisuuf akka ta’e Africanews fi AFPn gabaasaniiru.

Exit mobile version