Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Netaaniyaahuun haasaa Kongireesii irratti godheen deggarsa Ameerikaa irraa argatu cimsuu ibse

ONM-ABO Adoolessa 25, 2024 

Muummichi Ministeeraa Israa’el walga’ii waloo Kongiresii Ameerikaa irratti haasawa kan taasisan yoo ta’u, kunis deggarsa biyyi isaanii Gaazaa keessatti Hamaas irratti geggeessitu cimsuuf kan hojjetan ta’uu ibsameera.

Beeniyaamin Netaaniyaahuun Af-yaa’ii mana marichaa Maayik Joonsaniin kan affeeraman yoo ta’u, Paartiin Rippabilikaan isaanii Israa’eliif deeggarsa hin sochoone agarsiisuuf yaalaa jiru.

Mr Netaaniyaahuun gaafa Wiixataa US galani; Roobii  Kongireesii irratti erga haasawa taasisaniin booda pirezidaantii Joo Baayiden fi itti aanaa pirezidaantii Kamalaa Haaris waliin wal arguun, sana booda kaadhimamaa pirezidaantii Rippabilikaan Doonaald Tiraamp waliin walgahii addaa ni qabaatu.

Mr Netaaniyaahuun erga waldhabdeen Hamaas waliin jalqabee gara Ameerikaatti imala isaanii isa jalqabaa ta’uun, haasaa Kongireesiif taasisaniin “waa’ee waraana haqaa keenyaa dhugaa jiru ni dhiheessina” jedhan.

Muummicha Ministeera Israa’el waraana gara ji’oota 10 dura eegale kana akkamitti akka qaban irratti dhiibbaan idil-addunyaa fi biyya keessaa guddachaa dhufe isaan mudachaa jira.

Ji’a Caamsaa keessa Abbaan Alangaa Mana Murtii Yakkaa Idil-addunyaa Karim Kihan Mr Netanyahuun, Ministira Ittisaa Israa’el Yoyav Gallant fi hoggantoota Hamas sadii irratti yakka dhala namaa irratti raawwatamee fi yakka waraanaa jedhamuun ajaja hidhaa akka argatan iyyataniiru. 

Akkasumas torban darbe Manni Murtii Haqaa Idil-addunyaa Israa’el naannoo Falasxiin qabachuun ishee ”seeraan alaa” jedheera jechuun BBC’n gabaaseera.

Exit mobile version