Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Netaaniyaahuun Baayideniin abbaa biyyummaa Falasxiin Gaazaa keessatti akka morman himaniif

ONM-ABO Amajjii 21, 2024

Ministirri Muummee Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuun guyyaa tokko dura waamicha godhaniin, abbaa biyyummaa Falasxiin Gaazaa keessatti akka didan Pirezidaantii Ameerikaa Joo Baayidenitti himaniiru.

Hoggantoonni lamaan Jimaata darbe gara ji’a tokkoo booda yeroo jalqabaaf bilbilaan kan dubbatan yoo ta’u, Baayiden bilbila kana hordofuun ammallee Netaaniyaahuun mootummaa Falasxiin bifa tokkoon walii galuu danda’a jedheen amana jedhan.

Haasaa Pirezidaantii Baayiden waliin taasisaniin, Ministirri Muummee Netaaniyaahuun imaammata erga Hamaas diigamee booda Israa’el Gaazaan kanaan booda Israa’el irratti balaa akka hin geessisneef to’annoo nageenyaa Gaazaa irratti qabachuu qabdi jedhu irra deebi’anii dubbataniiru, kunis ulaagaan kun gaaffii abbaa biyyummaa Falasxiin kan faallessuu ta’us, ejjennoo isaanii kana Waajjirri Netaaniyaahuu ibsa Sanbata darbe baaseen beeksiseera.

Kamisa darbe Netaaniyaahuun abbaa biyyummaa Falasxiin West Baankii dhuunfatame irratti qabdu, Israa’el “naannoo (lagaa) Joordaan irraa gara dhihaatti argamu hunda irratti to’annoo nageenyaa qabaachuu” qabduun kan wal hin simnedha” jechuun kuffisee ture.
Baayiden Jimaata darbe waamicha taasisaniin Netaaniyaahuun furmaata mootummoota lama gidduutti geggeeffamu, kan waggoota kurnaniif dippilomaatonni akka karaa hundarra gaarii ta’een Baha Giddu Galeessaatti nagaa fiduuf ilaalamutti fayyadamuun nagaan akka dhufu dubbataniiru.

”Furmaanni naannoo lamaa gosa hedduudha. Biyyoonni miseensa UN ta’an hedduun jiru kanneen… waraana mataa isaanii hin qabne,” jechuun Baayiden sagantaa Waayit Haawusitti gaggeeffame booda gaazexeessitootaaf ibsaniiru.

Qondaalli olaanaa Hamaas tokko Sanbata darbe yaada Baayiden Israa’el mootummaa Falasxiin hundeessuuf walii galuu dandeessi jechuun dubbate kuffiseera.

Miseensi biiroo siyaasaa garee Islaamummaa Izzat Al-Rishq ibsa kennaniin, “Baayiden waa’ee mootummaa Falasxiin tokkoo fi amala ishee lallabaa jiru uummata keenya hin gowwoomsu,” jedhan.

“Baayiden waraana duguuggaa sanyii kana keessatti hiriyaa guutuu waan ta’eef ummanni keenya waan gaarii tokkollee isarraa hin eegu.”

Netaaniyaahuun haleellaa gareen Islaamummaa Falasxiin Onkoloolessa 7 Israa’el irratti raawwate hordofuun Hamas balleessuu fi Gaazaa waraana irraa bilisa gochuuf waadaa kan seenan yoo ta’u, karoora mootummaa Falasxiin bifa kamiinuu of keessatti hammate irratti dhiibbaa Ameerikaa mormuun isaanii dabalaa dhufeera.

Haleellaa Hamaas kanaan namoonni gara 1,140 kan du’an yoo ta’u, irra caalaan isaanii lammiilee nagaa ta’uu lakkoofsi AFP maxxansu ni mul’isa.

Israa’el haleellaa qilleensaa fi lafa irraa boqonnaa malee gaggeessaa turteen yoo xiqqaate lammiilee Falasxiin 24,927 kanneen irra caalaan isaanii dubartootaa fi daa’imman ta’an ajjeesuu ishee lakkoofsi ministeera fayyaa Gaazaa ni mul’isa jechuun Arab News gabaaseera.

Exit mobile version