ONM-ABO Amajjii 19, 2025
Ministirri Muummee Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuun akka jedhanitti, walii galteen dhukaasa dhaabuu Hamaas waliin naannoo Gaazaa irratti taasifame, hojiirra ooluuf jiru, “yeroodhaaf” akka ta’u himaniiru.
Ibsa Netaaniyaahuun kennaniin, prezidaantiin Ameerikaa Joo Baayiden fi Pirezidaantiin filataman Doonaald Tiraamp Israa’eel sadarkaa itti aanu garee diddaa Falasxiin waliin taasifamu dhugoomuu yoo baate haleellaa akka eegaltu mirga kennaniiru jedhan.
“Israa’el lakkoofsa loltoota Koridoorii Filadelfii keessa jiran hin hir’istu garuu sadarkaa jalqabaa irratti ni dabalti,” jechuun himate
Waajjirri Netaaniyaahuu ibsa Kamisa darbe miidiyaaleef kennee tureen,”qondaala siyaasaa olaanaa” tokkoon kan walqabate yoo ta’u, Koridoorii Filadelfii keessaa akka hin baane waadaa gale.
Barreeffamni waliigaltee Israa’elii fi Hamaas gidduutti roobii darbe Doohaan labsamee fi Kaataar, Masrii fi Ameerikaan gidduu galeessa ta’e garuu waan biraa agarsiisa.
Akka barreeffamichaatti, “Gama Israa’el kaartaa waliin jiruu fi waliigaltee gama lachuu gidduu jiru irratti hundaa’uun sadarkaa 1ffaa irratti humnoota naannoo koridoorii keessa jiran suuta suutaan ni hir’isa.”
Itti dabaluudhaanis, “Erga sadarkaa tokkoffaa jireenya booji’amtootaa isa dhumaa gadhiifamee booda, guyyaa 42ffaatti, humnoonni Israa’el ofirraa baasuu isaanii jalqabuun guyyaa 50 booda hin xumuru” jedheera jechuun Arabs news gabaaseera.

