ONM-ABO Adoolessa 8, 2025
Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp Wiixata kaleessaa Waayit Haawusitti Muummicha ministeera Israael Beeniyaamin Netaaniyaahuu keessummeessuun, Ameerikaan Iraan waliin mariachuuf beellama qabdee akka turtee fi Falasxiinota Gaazaa keessaa baasuuf carraaqqii falmisiisaa tae irratti guddina agarsiisaniiru.
Jalqaba irbaata qondaaltota Ameerikaa fi Israa’el gidduutti gaggeeffame irratti gaazexeessitootaaf kan dubbatan Netaaniyaahuun, Ameerikaa fi Israa’el biyyoota biroo Falasxiinotaaf egeree fooyyaaa kennan waliin hojjechaa akka jiran ibsuun, jiraattonni Gaazaa gara biyyoota ollaa isaaniitti ceuu akka dandaan yaada dhiyeessan. ”Namoonni turuu yoo barbaadan turuu danda’u, yoo bahuu barbaadan garuu bahuu danda’uu,” jedhan Netaaniyaahuun.
Falasxiinotaaf egeree fooyyaaa kennuu dhugoomsuu barbaadan argachuuf Ameerikaa waliin baayee walitti dhiyeenyaan hojjechaa jirra. Biyyoota hedduu argachuuf dhihaachaa jirra jedheen yaada.
Doonaald Traamp jalqaba bara kanaa Falasxiinota bakka biraatti jijjiiruun Gaazaa fudhachuuf dubbatee ture. Lammiileen Gaazaa yaada kana qeequun, gonkumaa mana isaanii naannoo qarqara galaanaa jiru keessaa akka hin baane dhaadataniiru.
Tiraamp fi Netaaniyaahuun Waashingitanitti kan wal argan yoo tau, qondaaltonni Israael Hamas waliin marii al-kallattiin kan gaggeessaa turan. Kunis waliigaltee dhukaasa dhaabuu fi Gaazaa irraa boojiamtootaa gadhiisuu kan Ameerikaan gidduu seente mirkaneessuuf kan kaayyeffate tauu ibsameera.
Tiraamp bulchiinsi isaanii Iraan waliin wal arguuf akka jiru dubbataniiru. ”Marii Iraan beellamneerra, isaanis haasa’uu barbaadu jedhan.
Ergamaan Tiraamp Baha Giddu Galeessaa Isteev Wiitkoof walgahiin kun torbee dhufuu fi sanaa ol akka tau dubbataniiru.
Walgahii isaanii irratti Netaaniyaahuun xalayaa pirezidaantii Ameerikaa Tiraampiin badhaasa Noobeelii Nageenyaaf kaadhimuuf kenneeraaf. Tiraamp sochii qaamaa kanaan gammadee mul’achuun Netaaniyaahuun galateeffataniiru jechuun Rooyiters gabaaseera.

