ONM-ABO Ebla 6, 2025
Muummichi Ministeeraa Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuun, taarifaa fi dhimma Iraan dabalatee dhimmoota adda addaa irratti pirezidaantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp waliin mari’achuuf gara Waashingitan, DCtti akka imalan waajjirri Netaaniyaahuu beeksiseera.
Ajandaan imala kanaa hariiroo Turkii fi Israel, “Doorsiisa Iraan”, waraana Israa’el Gaazaa irratti gaggeeffamaa jiru, taarifaa fi “waldhabdee Mana Murtii Yakkaa Idil-addunyaa” jedhu kan dabalatu ta’a.
Miidiyaaleen Ameerikaa akka jedhanitti, qondaaltota Ameerikaa fi Israa’el maqaan isaanii hin dhaa’amne kaasuun walgahiin kun Wiixata borii Waayit Haawusitti akka gaggeeffamu himaniiru.
Daawwannaan kun waamicha bilbilaa Kamisa darbe hoggantoota lamaan gidduutti erga taasifameen booda kan dhufeedha. Netaaniyaahuun dhimma taarifa yeroo haasawaa kanaa kaasanii turan. Israa’el “taarifa wal-faana” jedhamuun Tiraamp jalatti dhibbeentaa 17n ramadamte.
Israa’el dhiheenya kana taarifa hafe kan Ameerikaa irraa galfamu haquuf sochii irra jirti. Waliigaltee daldala bilisaa biyyoota lamaan, waggoota kurnan afur dura mallattaa’e, meeshaaleen Ameerikaa gara dhibbeentaa 98 ta’an gibira irraa bilisa ta’uun Israa’el akka seenan taasisa.
Neetaaniyaahuun yeroo ammaa erga bara 2023tii imala jalqabaa gara Awurooppaatti taasiseef ajaja hidhaa Mana Murtii Yakkaa Idil-addunyaa (ICC) yakka waraanaa Gaazaa keessatti raawwatameen balaaleffatanis Hangariitti argamuun simannaan hoo’aan taasifamuun daawwannaa irra turan.
Gocha Hangarii kanas dubbii himtu mootummaa Jarmanii dabalatee biyyootni addunyaa biroon kufaatii olaantummaa seeraa jechuun dhaabbatichi kana booda fudhatamummaan isaa gaaffii jala gala dhimma jechuun yaaddoo qaban kaasaa turuu Aljazeraa dabalatee miidiyaalee biroon gabaasaniiru.

