Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

US Israa’el marii waraana dhaabuu irratti tarkaanfii fudhachuu ishee yeroo ibsitutti waraanni Israa’el lammiilee nagaa Gaazaa ajjeese

ONM-ABO Hagayya 20, 2024

Israa’el haleellaa namoota nagaa walga’ii kaampii al-Shati  magaalaa Gaazaa dhihaatti argamu irratti xiyyeeffate irratti taasisteen yoo xiqqaate daa’imman dabalatee namoota nagaa Falasxiin sagal ajjeesuu ishee dhaabbati oduu Falasxiin WAFA’n gabaase.

”Xiyyaaronni waraanaa dhuunfata kanaas masaraa mana jireenyaa Lixa Kaan Yuunis kibba Gaazaa keessatti argamu irratti xiyyeeffataniiru,” jechuun gabaaseera.

Maatiin buqqa’ee fi ijoollee xixiqqoo waliin Gaazaa Falasxiin keessatti argamu, yeroo boombii cimaa Israa’el jalaa miliquuf fiigan suuraa nama gaddisiisu qoodaniiru 

Kun kanaan osoo jiruu dubbi himaan garee diddaa Hamaas Osaamaa Hamdaan gareen Falasxiin karoora dhukaasa dhaabuu kan kanaan dura pirezidaantiin Ameerikaa Joo Baayideniin yaada dhiyeessan akka hordofu ibsuun, Waashingitan mootummaan Netaaniyaahuu duguuggaa sanyii Gaazaa keessatti raawwate akka itti fufuuf yeroo bitaafii jirti jedhan.

Ameerikaan “Israa’el duguuggaa sanyii ishee itti fufuuf yeroo bitafii jirti” jechuun Hamdaan Aljaziiraatti kan himan erga Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antooni Blinken muummichi ministeeraa Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuun yaada Ameerikaan dhukaasa dhaabuu Gaazaa irratti qaawwa jiru cufuuf dhiheessite akka deggaran mirkaneessee booda.

“Israa’eloonni dhimmoota yaada Baayiden keessatti hammataman irraa duubatti deebi’aniiru. Haasaan Netaaniyaahuun yaada haaromfame irratti walii galuu irratti dubbate bulchiinsi Ameerikaa waliigaltee kanaan duraa akka fudhatu amansiisuu dadhabuu isaa agarsiisa,” jechuun Hamdan broodkaastara waajjira muummee Kaataar keessa jirutti himeera jechuun TRT Afrika’n gabaaseera.

Exit mobile version